Dhiyeenya Poolisootaan kan reebamte Samiiraa Mahaammadiif manni jireenyaa kenname
Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Dhiyeenya magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaaLaaftootti Poolisootaa naamuusa ogummaa isaanii dagataniin reebamte kan turte Samiiraa Mahaammadiif manni jireenyaa kennamuu ibsameera.
Bakka hooggantoonnii fi hojjettoonni bulchiinsaa fi maatiin ishee argamanitti furtuun mana jireenyaa dabarfamee laatamuufii ibsameera.
Furtuu manaa kana dabarsanii kan kennaniif hoji raawwachiistuu olaantuu kutaa bulchiinsa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aadde Natsaannat Dhaabaa ta’uu ragaan Seekretariyaat Preesii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.