Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu aanaa Ada’aatti Xaafii kilaasteraan oomishame daawwate

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu gareen Maaykiroo diinagdee godina Shawaa Bahaa aanaa Ada’aatti Xaafii kilaasteraan oomishame daawwachuun qonnaan bultoota aanichaa jajjabeesseera.

Aanichatti oomishaa fi omishitummaa qonnaan bultootaa dabaluuf qonni kilaasteraa bu’aa argamsiisaa jira jedhameera.

Itti Aanaan hogganaa biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, naannichatti qonna qamadii qofaan beekamaa kan ture yeroo ammaan kana qonnaan bultoonni gara qonna Avokaadoo fi Xaafittii oomiisha isaanii babalisuu himaniiru.

Qonnaan bultoonni 193 waldaan gurmaa’uun lafa heektaara 102 irratti qonna xaafii kilaasteraan waggaatti yeroo afuur oomishuu danda’uu isaanii himaniiru.

Qonnaan bultoonni kanaan dura oomisha xaafii argataa turan irraa yeroo ammaan kana oomiisha dachaa argachaa jiraachuu eeraniiru.

Jamiilaa Jamaal fi Addis Muluneh gabaasetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.