Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan damee siiviil aviyeeshiniitin fooyya’iinsa agarsiisaa jirti

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan damee siiviil aviyeeshinii idil addunyaatin yeroodhaa gara yerootti fooyya’iinsa agarsiisaa jiraachuun ibsameera.

Ministir deettaan Ministeera Geejibaa FDRI aadde Hiyiwat Moosiisaan garee oodiitii nageenyaa Dhaabbata Aviyeeshinii Idil Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Akka gamaaggama dhaabbatichaatti addunyaarraa Ityoophiyaan qabxii 73.2 argachuun damee kanaan tarree biyyoota sadarkaa fooyya’aa qaban keessa jiraachuun ishee ibsameera.

Gamaaggama oodiitii nageenyaa yeroo yeroon gaggeeffamuun Ityoophiyaan guddinaa fi fooyya’iinsa itti fufiinsa qabu agarsiisaa jirti jedhameera.

Guddinni biyyattiin agarsisaa jirtu kun indastirii aviyeeshinii keessatti dhageettii qabdu ni dabala jedhameera.

Oodiitii kana dura Siiviil Aviyeeshiniin Ameerikaa Ityoophiyaatti oodiitii siiviil aviyeeshinii taasiseen Ityoophiyaan garee 1ffaa keessa jiraachuun ishee mirkanaa’era.

Kunis iddoolee ga’umsaa Ameerikaa fi biyyoota birootti akka babal’iftuuf gargaaruu isaa ragaan Ministeera Geejjbaarraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.