Fana: At a Speed of Life!

Badii tokko malee Poolisootaan gochi reebichaa irra ga’ee kan ture Samiiraa Mohaammad hojiin kennameef

Finfinnee, Fulbaana 27, 2014 (FBC)- Badii tokko malee Poolisootaa namuusa hojii isaaniin ala gochi reebichaa irra gahee ture Samiiraa Mohaammad giddugala nyaataa Tasfaa Biraanitti hojiin kennameefii hojii eegaluu ishee ibsameera.

Kutaa bulchiinsa Laaftootti poolisoota naamusa ogummaa isaanii dagataniin gochi reebichaa irra kan gahe Samiiraan kutaa bulchiinsa magaalichaatti namoota harka qalleeyyif tajaajila nyaata dhiyeessuu kan eegale giddugala nyaataa Tasfaa Biraanitti hojii dhaabbii jalqabuu ishee ibsameera.

Akkatuma Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen waadaa seenaniifiin guyyaa kaleessaa giddugalichatti argamuun waliigaltee hojii mallatteessuu ishee ragaan Seekretariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.