Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa guyyaa boruu sa’aatii 3:30 irraa eegalee yaa’ii addaa ni gaggeessa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC)- Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaa’ii adda 1ffaa marsaa 6ffaa waggaa 1ffaa guyyaa boruu ganamaa sa’aatii 3:30 irraa eegalee ni gaggeessaa.

Yaa’ichaan preezdaantiin FDRI Saahilawaqr Zawdee Fulbaana 24, 2014 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeshiniin yaa’ii idilee waloo gaggeeffameerratti haasaa saaqinsaa taasisan hordofee deeggarsi mooshinii ni dhaggeefatamaa.

Dabalataanis murtoon wixinee labsii  rawwii hojii fi aangoo miseensoota hojii mootummaa federaalaa qoratee ni raggaasisaa.

Dhumarrattis muudama ministiroota raggasiisuun yaa’iisaa adda ni xumuraan eegamaa.

Maddi:-Mana Marichaa

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.