Fana: At a Speed of Life!

Mootummaa Ityoophiyaa waliin hariiroo cimaa ni qabaanna – Hoggantoota Ministeera Alaa biyyoota garaagaraa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC) – Mootummaa haaraa Ityoophiyaa waliin hariiroo cimaa kan qabaatan ta’uu hoggantoonni Ministeera Dhimma Alaa biyyoota garaagaraa ibsan.
Ityoophiyaatti mootummaa haaraa hundeeffame waliin hariiroo boqonnaa haaraa kan qabaan ta’uu kaasaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Jiibuutii Mahaammad Alii Yesuuf Ityoophiyaan tokkummaa Afrikaaf biyya murannoon hojjechaa jirtu ta’uu isheen Jiibuutiin yeroo hunda hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf ejjennoo cimaa qabaachuu ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ugaandaa Dii’eetaa Joon Muliimbaan gama isaaniin Ugaandaa fi Ityoophiyaan hariiroo cimaa haala kamiiniyyuu hin jijjiirramne qabaachuu eeraniiru.
Biyyoonni lamaan gaanfa Afrikaa tokkummeessuuf nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf waloon hojjechaa jiraachuu eeruun, yeroo itti aanus caalmatti cimsanii kan itti fufan ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaatti mootummaan haaraan bifa diimookiraatawaan hundaa’uun hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Isiraa’eel Alelinyi Admaasuu dubbataniiru.
Isiraa’eel biyyaa Diimookiraastiitti daraan amantu ta’uu kaasaniiru.
Ministiroonni kunneen Dooktar Abiy Ahimad Muummee Ministiraa FDRI ta’uun filatamuu isaanitti gammaduu ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.