Muummeen Ministiraa Rippaablika Diimookiraatawwaa Koongoo Finfinnee galan
Finfinnee, Fulbaana 24, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa Rippaablika Diimookiraatawwaa Koongoo Jaan Miikeel Saammaa Luukoondeen Finfinnee galaniiru.
Muummeen Ministiraa Rippaablika Diimookiraatawwaa Koongoo Jaan Miikeel Saammaa Luukoondeen sirna hundeeffama mootummaa haaraa Ityoophiyaarratti hirmaachuufi Finfinnee galaniiru.
Muummeen Ministiricha wayita buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’aan Ministirri Ministeera Barnoota Dooktar Geetahuun Makuriyaan simannaa taasisaniifiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.