Fana: At a Speed of Life!

Manni Barumsaa Leenjii Bu’uura Loltummaa  Birshalaqoo  sirna  baniinsa leenjii leenjitoota marsaa 35ffaa  gaggeesse

Finfinnee, Fulbaana 23, 2014 (FBC)- Manni Barumsaa Leenjii Bu’uura  Loltummaa  Birshalaqoo  sirna  baniinsa leenjii leenjitoota marsaa 35ffaa  gaggeesseera.

Ajajaa Olaanaan Mana Barumsichaa Koloneel Geetachoo Alii,  osoo nuti jirru biyyi keenya hin diigamtu jechuun miira tokkuummaa, haamileefi gootummaan garee shororkeessaa diina biyyaa ta’e kanarratti qabsaa’uniifi awwaalaa isaa tolchuuf  leenjii isiniif kennamu sirnan bahachuun diinaa injifachuun  kabaja lammiilee ta’uu  qabdu jedhan.

Yeroo turtii leenjii keessanitti   leenjii loltummaa gahumsaan leenji’uu,  rakkoolee wayita leenjii isiin muudatan  kutannoofi  namuusa loltummaa cimaan leenjicha xumuruun  waada  uummataafi biyyaaf  galtan mirkaneessuu qabdu jedhan Ajajaa Itti aanaan  Mana Barumsaa Leenjii Bu’uura  Loltummaa  Birshalaqoo  Koloneel  Tazarraa Kabbadaa.

Leenjitonnis gama isaaniin  birmadummaa biyyaaf  lubbuu isaanii qaalii  kan wareegu Raayyaa Ittisa Biyyaa bira dhaabbachuuf gara mana baruumsa leenjii loltummaa kana dhufuu isaanitti gammadoo ta’uu himuun, leenjii kana ciminaan  leenji’uun  garee shororkeessaa haleeluf qophii ta’uu  himan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.