Fana: At a Speed of Life!

Irreechi ayyaana jaalalaa fi nageenyaati akkasumas obbolummaa fi sabdaneessummaa gama cimsuutinis shoora guddaa qaba-Aadde Adaanach

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC)- Irreechi ayyaana jaalalaa fi nageenyaati akkasumas Obbolummaa fi sabdaneessummaa gama cimsuutinis shoora guddaa qaba jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.
Feestivaalli Irreechaa Finfinnee Hootela Shaaraataan Addisitti gaggeeffameera.

Feestivaalicharratti Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Abootiin Gadaa qondaaltonni Mootummaa fi keessummoonni garaagaraa hirmaataa jiru.

Aadde Adaanach Abeebee saganticharratti erga dabarsaniin Irreechi ayyaana jalalaa fi  nageenyaa akkasumas obbolummaa cimsuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee irra deebiin erga kabajamuu eegalee waggaa 3ffaa qabachuusaa kan himana Kantibattiin bifa turizimii magaalitti ta’uusaas ibsaniiru.

Irreechi ayyaana galateeffannaati kan jedhan aadde Adaanach gootota lubbuu isaanii laatanii biyyatti dhaabaaniif galanni ni mala jedhaniiru.

Irreechi bacaqii gannaa keessaa baheeme gara booqaa birratti bahamuu qofa osoo hin taanee kan gara abditti  ceesisuudha jedhaniiru.

Afawarq Iaayyuutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.