Fana: At a Speed of Life!

Matakkalitti sababa rakkoo nageenyaan manneen barnootaa 194 irratti miidhaan qaqqabuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC) – Naannoo Bulchiinsa Beenishaangul Gumuz godina Matakkalitti sababa rakkoo nageenyaan manneen barnootaa 194 irratti miidhaan qaqqabuu isaa hogganaan Biiroo Barnoota naannichaa obbo Biiniyaam Mangashaa ibsaniiru.
Yaa’iin barnootaa naannichaa 23ffaan guyyaa har’aa magaalaa Asoosaatti gaggeeffamuu jalqabeera.
Yaa’ichaan manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa hanga sadarkaa 2ffaa bara 2013 keessa sababa rakkoo nageenyaatiin miidhaan irra ga’uu obbo Biiniyaam ibsaniiru.
Manneen barnootaa 56 guutummaa guutuutti barbadaa’uu fi 138 ammoo gariin kan diigaman ta’uu eeraniiru.
Manneen barnootaa kunneen barattoota kuma 69 keessummeessaa kan turan ta’uu oobbo Biniiyaam eeraniiru.
Itti aanaan Preezdaantii naannichaa obbo Geetaahuun Abdiisaa gama isaaniitiin, gocha badii gareen shororkeessaa ABUT gama ergamtoota isaatiin raawwate balaaleffachuu dabalataan rakkichi akka hin dabalamnee fi manneen barnootaa kana deebisanii ijaaruuf hunduu tumsuu akka qabu ibsaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.