Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi qophii baruu fi barsiisuu bara 2014f dhaabbilee deeggartootarraa deeggarsa argate

Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC)- Ministeerri Barnootaa qophii baruu fi barsiisuu bara 2014f dhaabbilee deeggartootarraa deeggarsa argachuu ibsameera.
Deeggarsi taasifame meeshaalee baruu fi barsiisuu, meeshaalee qulqullinaa fi kanneen biroo ta’uu eerameera.
Bakka hoggantoonni olaanoon biiroo barnoota magaalaa Finfinnee fi naannolee argamanitti boorsaawwan barattoota kuma 20 ol ta’aniif Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahun Makuriyaa dabarsanii kennaniiru.
Mootummaan Chaayinaa dameewwan garaagaraan Ityoophiyaaf deeggarsa taasisaa turuu yaadachiisuun galateeffatniiru.
Deeggarsicha kan taasisan dhaabbilee “Paand Paak Proojekt” fi Dhaabbata daldala Elektirooniksii Alibaabaa ta’uu ibsameera.
Siisaay Geetinatiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.