Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen deeggartootaa Idil addunyaa deeggarsa dhiyeessuuf sababa fudhatama hin qabne dhiyeessu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2014 (FBC)- Dhaabbileen deeggartootaa Idil addunyaa tokko tokko deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf sababa fudhatama hin qabne kan dhiyeessan ta’uu Koomishiniin Hoogansa Sodaa Balaa beeksise.
Dhaabbileen deeggartootaa Ameerikaa fi Awurooppaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa dhiyeessuuf sababoota fudhatama hin qabne kan dhiyeessan ta’uu ibsameera.
Dhaabbileen kunneen sababoota fudhatama hin qabne “bakka waraanni jirutti akkamiin seenna?”, “tasgabbii nuuf buusaa” “akkasumas qabeenya hin qabnu” jedhan kan dhiyeessan ta’uu Daayreekterri Kominikeeshinii Komishinichaa Obbo Dabbabaa Zawdee ibsaniiru.
Dhaabbileen kunneen bakkeewwan rakkoon jiru seenanii deeggarsa taasisuuf dirqama waliigaltee kan qaban yoo ta’u,haa ta’u malee hojiirra olaa hin jiru jedhan.
Dhaabbileen kunneen deeggarsa akka taasisaniif Mootummaan irra deddeebiin waamicha taasisaafii turus, faayidaa isaanii eegsisuuf jecha dhaabbileen gargaarsaa Ameerikaa fi Awurooppaa shira garaagaraa xaxaa akka jiran Obbo Dabbabaa himaniiru.
Shira kana darbuuf haal-dureen xumuramee Warootaa fi Kombolchaatti kuusaan gargaarsi yeroo ga’aa ta’e itti qophaa’uu obbo Dabbabaan kan ibsan ta’uu EBCn gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.