Dooktar Liyaan Preezdaantii naannoo Amaaraa obbo Aganyahu Tashaagar waliin mari’atan
Finfinnee,Fulbaana 18, 2014 ( FBC)- Jilli Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan durfamu Preezdaantii naannoo Amaaraa obbo Aganyahu Tashaagarii fi hooggantoota olaanoo naannichaa waliin mari’ateera.
Jilichi godina Goondar Kaabaatti lammiilee garee shororkeessaa ABUT’iin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi dhaabbilee fayyaa barbadaa’an daawwateera.
Godinichaa dhaabbileen fayyaa barbadaa’uu fi lammiileen kumni 26 ol qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu isaan lammiilee kanneeniif deeggarsi ariifachiisaan kan barbaachisu ta’uu marichaan ibsameera.
Preezdaant Aganyahu deeggarsa Ministeerichi taasisaa jiru galateeffataniiru.
Naannichi lammiilee kanneen deeggaruuf hanga danda’u hojjechaa jiraachuu fi dhaabbilee fayyaa barbadaa’an deebisanii dhaabuuf qaamoleen hundi tumsuu akka qaban ibsaniiru.
Dookar Liyaan gama isaaniitiin ji’oottan sadan darbanitti lammiilee buqqa’aniif deeggarsi galteewwan fayyaa fi Maallaqaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 16 fi kuma dhibba 6tti tilmaamamu taasifamuu ibsaniiru.
Fuuldurattis qaamolee dhimmi isaa ilaallatu waliin ta’uun hojii deebisanii dhaabuu kan itti fufan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.