Hawaasni weerara Vaayrasii Koroonaa Ittisuuf ofeeggannoo barbaachisaa taasisuu qaba jedhame
Finfinnee, Fulbaana 16, 2014 (FBC)- Hawaasni wayita Ayyaana Masqalaa kabaju weerara Vaayrasii Koroonaa Ittisuuf of-eeggannoo barbaachisaa taasisuu akka qabu ibsameera.
Afrii Invast Biiroo Eegumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee fi dhaabbata USAID waliin ta’uun sochii hubannoo uumuu dirreerraa taasiseera.
Sochichaan Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun namoonni wayita gara dirreetti bahan balaa mudatu hir’isuuf haawaasni of-eeggannoo cimaa akka taasisuu gaafateera.
Dabalataanis talaallii Vaayrasii Koroonaa ilaalchisee hawaasni hubannoo gahaa kan hin qabnee fi sochichi dhimmicharratti hubannoo gaarii kan uumuuf ta’uu ibsameera.
Keessumaa ammoo hawaasni faayidaa talaallichaa hubatee gara buufataalee fayyaa deemuun akka talaallii kana fudhatu kan jajjabeessu ta’uu ragaan Sakreetariyaat Preesii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.