Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad ergaa baga geessanii Ayyaana Ifa Masqalaa dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ergaa baga geessanii Ayyaana Ifa Masqalaa dabarsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ummata biyyattii maraan Ayyaanni Masqalaa ayyaana gammachuu, jaalalaa, fayyaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.

Qormaata booda injifannoon, dukkana booda Ifa, kufaatii booda ka’uun kan jiru ta’uu eeraniiru.

Kan bade hundi badee kan hin hafne ta’uu seenaan Fannoo nu barsiisa jedhan.

Fannoon Iyyasuus Kiristoos irratti fannifame Kiristaanoota biratti madda humna fayyinaa jedhamee amanama.

Dhibee isaaniif daawaa, yeroo rakkoo jabina, yeroo bittinaa’aan gamtaa ta’eefii jira.

Waggoottan sadan darbanis gareen shororkeessaa ABUT olola sobaan maqaa Ityoophiyaa awwaluuf dhamaatii olaanaa taasiisaa ture.

Namoonni Fannoo Awwaalanis fannichi hanga dhumaatti awwaallamee kan hafu itti fakkaatee ture.

Yaa ta’uutii jajjabeen akka mootiittii Illeenii barbaacha cimaa taasiisaniin oduun fannoon bade bade jedhamaa ture argameetti jijjiirrame.

Eenyummaan Ityoophiyaa dhiiga keenya keessa waan jiruuf gamtaan keenyaa adda ba’umsa osoo hin taane faaya tokkummaa keenyaa ta’uun akkuma fannoo olkaafnee muul’isneera jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.

Dukkanaa darbee ifni, qormaanni darbee injifannoo kan itti agarru yeroon isaa dhiyoo ta’uu hin shakkinu jedhan.

Waan dandeenyu hundaan Ityoophiyaa ni ijaarra jedhan ergaa Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun dabarsan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.