Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaa Taaddasaa Maayixabiriitti dhaabbilee Fayyaa barbadaa’an daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa Maayixabiriitti dhaabbilee Fayyaa gareen shororkeessaa ABUT barbadeesse daawwataniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaarii fi Amaaraatti dhaabbile Fayyaa garaagaraa fi bu’uuraalee misoomaa hedduu barbadeesseera.
Dooktar Liyaanis Goondar aanaa Adii Arqaayitti buufata fayyaa Zaarimaa gareen kun barbadeesse daawwataniiru.
Buufanni Fayyaa Zaariima ummata kuma 42 tajaajilaa ture guutumaan guutuutti barbadeesseera.
Dooktar Liyaan lammiilee weerara gareen shororkeessaa ABUT baneen buqqa’uun iddoolee garaagaraa qubatanii jiran daawwataniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.