Fana: At a Speed of Life!

Obbo Awwaluu Abdii Itti aanaa Preezdaantii naannoo Oromiyaa ta’uun mudaman

Finfinnee, Fulbaana 15, 2014 (FBC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii caffee 6ffaa gaggeesseen Awwal Abdii itti aanaa Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa taasiisuun filateera.
Dhiyeessummaa Preezdaantii Mootummaa naannoo Obbo Shimallisa Abdiisaan Obbo Awwaluu Abdii Itti aanaa Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.
1.Obbo Fiqaaduu Tasammaa hogganaa Caffeetti bakka bu’aa mootummaa,
2.Dooktar Girmaa Amantee sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti qindeesaaa kilaastara horataalee mootummaa Oromiyaa,
3.Aadde Markaram Dabbabaa sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti hoggantuu Abbaa Taayitaa galiiwwanii Oromiyaa,
4.Obbo Addisuu Araggaa Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaasteera misooma magaalaa Oromiyaa,
5.Obbo Abduramaan Abdallaa sadarkaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaastera Misooma Baadiyyaa Oromiyaa,
6.Obbo Abduurhakiim Muluu sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaasteera Hawaasummaa Oromiyaa,
7.Obbo Abarraa Warquu Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaa Oromiyaa,
8.Aadde Addunyee Ahimad Haadha Alangaa Oromiyaa 9.Obbo Shaafii Huseen hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Oromiyaa,
10.Injiinar Miiliyoon Baqqalaa hoggantuu Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa,
11.Obbo Tolasaa Gadafaa Hogganaa Biiroo Maallaqa Oromiyaa,
12.Obbo Abarraa Buunoo hogganaa Waajjira milishaa Oromiyaa,
13.Aadde Saamiyaa Abdallaa Hoggantuu Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa,
14. Obbo Guyyoo Galgaloo Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa,
15.Obbo Ahimad Indiriis Hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogumma Oromiyaa,
16.Aadde Hawwaa Ahimad Hoggantuu Biiroo Daldalaa Oromiyaa,
17.Dooktar Mangistuu Baqqalaa Hogganaa Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa,
18.Aadde Sa’aadaa Usmaan Hoggantuu Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa,
19.Obbo Guutaa Laachoree Hogganaa Biiroo Lafa Oromiyaa,
20.Aadde Masarat Asaffaa hoggantuu Biiroo Ejansii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa,
21.Dooktar Tashoomaa Addunyaa Hogganaa Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa,
22. Injiinar Heelan Taammiruu hoggantuu Biiroo Daandiwwanii fi Loojastiksii Oromiyaa,
23.Dooktar Tolaa Bariisoo Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa,
24.Dooktar Injiinar Masaay Daani’eel Tulluu Hogganaa Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa,
25.Aadde Jamiilaa Simbirroo Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immaan Oromiyaa,
26.Obbo Araarsoo Biqilaa Hogganaa Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa,
27.Obbo Hayiluu Addunyaa Hogganaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa,
28.Obbo Huseen Fayyisoo hogganaa Biiroo Paablik Sarvisii fi Qabeenya Humna namaa Oromiyaa,
29.Dooktar Abdullaaziiz Hogganaa Biiroo Komishinara Komishinii Karooraa fi Pilaanii Oromiyaa,
30.Obbo Geetuu Wayyeessaa Itti gaafatamaa Waajjira Preezdaantii fi Mana Maree Oromiyaa,
31.Aadde Kokkobee Didhaa Hoggantuu Biiroo Dhaabbilee Misooma Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.