Fana: At a Speed of Life!

Aadde Sa’aadaa Abduramaan Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa ta’uun muudaman

Finfinnee, Fulbaana 15, 2014 (FBC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii caffee 6ffaa gaggeesseen Aadde Sa’aad Abduramaan Af Yaa’ii Caffee mootummaa naannoo Oromiyaa taasiisuun filateera.
Dhiyeessummaa Itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaan Aadde Sa’aad Abduramaan sagalee mormii 1 sagalee deeggarsaa 458 Af Yaa’ii Caffee mootummaa naannoo Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.
Obbo Eeliyaas Ummataa ammoo itti aanaa Af Yaa’ii Caffee ta’uun muudatamiiru.
Af Yaa’iin caffee duraanii Aadde Loomii Badhoo fi Aadde Sa’aadaan walharkaa fuudhinsa aangoo taasiisaniiru.
Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa haaraan Aadde Sa’aadaan haasaa baniinsaa jalqabaa taasisaniin,uumata isaan filate galateeffachuudhaan ergamaa fi muul’ata laatameef kutannoodhaan ba’uuf qophii ta’uu himaniiru.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.