Fana: At a Speed of Life!

Kabajni Ayyaana Irreechaa, Daamaraa fi hundeeffamni mootummaa rakkoo nageenyaa malee akka gaggeeffamu qophiin barbaachisu xumurame – Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Fulbaana 14, 2014 (FBC) – Kabajni Ayyaana Irreechaa, Daamaraa fi hundeeffamni mootummaa rakkoo nageenyaa malee akka gaggeeffamu qophiin barbaachisu taasiifamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.

Koreen miseensota Hoggantoota olaanoo Komishiniin Poolisii Federaalaa, Raayyaan Ittisaa, Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa keessaa walitti babba’an gara hojiitti galuu Komishinii Poolisii Federaalaatti Itti gaafataamaan Damee Ittisa Yakkaa Itti aanaan Komishinaraa Jeneraal Malaakuu Faantaa himaniiru.

Ayyaanoonni biyyaalessaa, uumataa,Amantaa fi Aadaa kabajaman rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka kabajaman qaamoleen nageenyaa bifa qindaa’een itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an hubachiisaniiru.

Meeshalee dhuka’oo sosochii sirna kabaja ayyaannichaa jeequun kamiiyyuu hawaasni fayyadamuu akka hin qabnee fi naannoo isaanii xiyyeeffannoon eeggachuu akka qaban Itti aanaan Komishinaraa Jeneraal Malaakuu waamicha dhiyyeessuu ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.