Yuunvarsiitiin Jimmaa mana kitaabaa biyyoolessaaf kitaaboota gosa adda addaa kuma 3 arjoome
Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Jimmaa mana kitaabaa biyyoolessaaf kitaaboota gosa adda addaa kuma 3 arjoomeera.
Yuunvarsiitiichi kaka’umsa Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin mana kitaabaa biyyoolessaa Finfinneetti ijaaramaa jiruufi deeggarsicha kan taasise.
Kitaaboota kanas itti aanaa preezdaantii bulchiinsa fi dhimmoota baratoota yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Qananiisaa Lammiin Ministira Ministeera Barnoota Dooktar injinar Geetaahun Makuriyaaf kennaniiru.
Dookatar Qananiisaan yuunvarsiitiin Jimmaa hojiilee tajaajila hawaasaa garagaraa irratti gaheerraa eegamu dhaabbata bahaacha jiru ta’u himuun, deeggarsi kun ammaan boodas cimee itti fufaa jedhaniiru.
Bara 2013 hojii tajaajila hawaasummaan hojiilee adda addaa Birrii miiliyoona dhibba 2f miiliyoona 11tti tilmaamamu hojjettamus eeraniiru.
Raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 32 taasifamus Dooktar Qananiisaan ibsaniiru.
Dooktar Injinar Geetaahun Makuriyaa, ijaarsi mana kitaabaa biyyoolessaa xumuramaa jiraachuu himani torbewwan muraasaa booda eebbifama jedhaniiru.
Manni kitaabaa biyyoolessaa kun kitaabilee miiliyoona 2 ol kan qabatu ta’u Dooktar Injinar Geetaahun dubbataniiru.
Deeggarsa Yuunvarsiitiin Jimmaa taasiseef galateeffatanii dhaabbileen barnoota olaanoo biroos gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.
Tamasgeen Allabbaachootu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.