Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa darbe naannoo Oromiyaatti daandiin Kiiloo Meetirri kumni 6 fi 532 suphamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC) – Bara baajataa darbe naannoo Oromiyaatti daandiin Kiiloo Meetirri kumni 6 fi 532 suphamuu Abbaan Taayitaa Daandiwwanii Oromiyaa ibseera.
Sababa hanqina baajataa muudateen daandiwwan suphamuu qaban osoo hin suphamin hafuu Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiiwanii Oromiyaa Injiinar Dajanee Fiqaaduun ibsaniiru.
Rakkoo baajataa jiru furuuf fandii Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii akka naannoo Oromiyaatti hundeessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Maddi baajataa fandii Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Federaalaa ta’uunsaa hanqinni baajataa akka mudatuuf sababa ta’uu himaniiru.
Karooraan ala daandii Kiiloo meetira 800 baajata dabalataa eeyyamameen suphuun danda’amuu eeraniiru.
Rakkoon nageenyaa fi qaala’iinsa gatii meeshaalee rakkoolee damicha qoran ta’uu kaasaniiru.
Leenjitoonni leenjii argatan galtee taasifachuudhaan raawwii caalmaaf qophaa’uu himaniiru.
Qulqullinnii fi sadarkaan maashinarootaa akkasumas fedhii fi ilaalchi dogogoraa hawaasni suphaa daandiirratti qabu qormaata ta’uu eeraniiru.
Waliin hojjachuu fi wal hubachuudhaan hanqinoota jiran furuuf kuttannoon barbaachisa ta’uu Itti aanaa Daayreektara Abbaa taayitaa daandiiwwanii oromiyaa obbo Abarraa Abboosee himaniiru.
Dandeettii keenya cimsachuun rakkoolee kanneen irra aanu dandeenya jedhaniiru.
Biyyaaf kan hojjannu nuu tolee osoo hin taane akka nuu toluufi jechuun ibsaniiru.
Addis Taammiraatiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.