Ayyaana Masqalaa bara kanaa haala ho’aa ta’een kabajuuf qophiin xumuramuu ibsame
Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Ayyaana Masqalaa bara kanaa haala ho’aa ta’een kabajuuf qophiin xumuramuu isaa Bataskaanni Tawaahidoo Ityoophiyaa beeksiseera.
Bataskaanichi ayyaana Masqalaa kabajamuuf jiru ilaalchisee uummata Ityoophiyaa maraaf ammumarraa kaasee ergaa baga geessanii dabarseera.
Itti aanaan hoji gaggeessaa Mana Lubummaa Bataskaanichaa Lubni Balaay Mokonnon, amantoonni wayita ayyaana kana kabajan akkaataa weerara vaayrasii koroonaa ofirraa ittisuun danda’amuun ta’uu akka qabu yaadachiisaniiru.
Bara darbe sababa weerara vaayrasii kooronaatin ayyaanichi nama muraasaan kan kabajame ta’uu ibsuun, bara kana ofeeggannaa cimaa taasisuun ayyaanichi haala ho’aa ta’een kan kabajamu ta’uu Lubni Balaay ibsaniiru.
Qiddist Tasfaayeetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.