Sochiin “ Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti” jedhu Magaalaa Dirree Dawaatti eegale
Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Sochiin “ Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti” jedhu Magaalaa Dirree Dawaatti eegalameera.
Badii gareen shororkeessaa ABUT lammiilee Ityoophiyaarraan gahaa jiru akkasumas prooppogaandaa sobaa biyyattiirratti gaggeeffamaa jiru mootummaan Ameerikaa fi hawaasni addunyaa akka hubatuuf sochiin kun eegalamuu ibsameera.
Shira garee badii ABUT raawwate hawaasa addunyaaf ibsuuf sochii kanarratti mallattoosaanii kaa’uun hooggantoonni olaanoo magaalichaa sochicha jalqabsiisaniiru.
Kantiibaan magaalaa Dirree Dawaa obbo Ahimad Mahaammad Buhi, gareen shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa diiguuf sochii inni taasisaa jiru mootummaan Ameerikaa akkasumas biyyoonni Lixaa hubachuu qabu jechuusaanii ragaan waajjira dhimmoota koominikeeshinii mootummaa magaalaa Dirree Dawaarra argame ni mul’idhsa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.