Fana: At a Speed of Life!

Addabaabaayiin maqaa Koomaandar Atileet Daraartuu Tulluutin moggafamee Dilbata dhufuu ni eebbisifamaa

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Addabaabaayiin maqaa Koomaandar Atileet Daraartuu Tulluutin moggafamee Dilbata dhufuu akka eebbisifamuu Federeeshinii atileetiksii magaalaa Finfinnee fi kutaan magaalaa Lammii Kuraa beeksiseera.

Federshiniin atileetiksii magaalichaa fi hoggantoonni kutaa magaalichaa ibsa waloon laataniin, Afrikaattii dubartii gurratti Afrikaa injifattuu olomikii ta’uusheen fakkeenya atileetotaa hedduu kan taatee atileet Daraartuun addababaayii maqaa isheetiin mogga’uusaaf akka isaan gammachiisee ibsaniiru.

Hojii raawwachiisaan kutaa magaalaa Lammii Kuraa obbo Eeliyaas Mahaammaad, kutaa magaalaa keenyaatti addabaabaayiin maqaa ateelitii jabduutin moggafamuusaan ni boonnaa jedhaniiru.

Ayaatiitti kan argamuu addabaabaayiin maqaa Koomaandaar Atileet Daraartuu Tulluutin moggafamee kunsi Dilbataa dhufuu ifatti ni eebbisifamaa jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.