Yaa’iin damee seektara misooma magaalaa fi konistraakshinii gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Yaa’iin damee seektara misooma magaalaa fi konistraakshinii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
Yaa’icharratti hooggantoonni ministeera misooma magaalaa fi konistraakshinii fi hooggantoonni damechaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef argamuu ibsameera.
Minstirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistraakshinii Injinar Ayishaa Mahaammad, onnee Ityoophiyummaatiin hojjennaan magaalota jireenyaaf mijatoo ta’an keessatti barri itti Ityoophiyaa miidhagdee fi badhaate arginu fagoo akka hin taane ibsaniiru.
Magaalaa fi magalummaan beekumsaa fi hubannaan deeggaramnaan kennaa, haalaan qajeelfamuu fi hubannaan hoogganamuu yoo dhabe balaa akka ta’e Injinar Ayishaan ibsaniiru.
Dhugaa jiru kana hubachuun mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa guddinaa fi babaldhina magaalotaaf, miidhaginaa fi milkaa’ina jireenya lammiileef tooftaalee garaagaraa bocuun hojjechaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.
Bara bajataa 2013 qindoominaan waan hojjetameef waggoota muraasa keessatti gaaffilee misoomaa hin deebi’iiniif deebii kennuun kan danda’ame ta’uu Injinar Ayishaan yaa’icharratti kaasaniiru.
Xumurarrattis dhugaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksisuuf sagantaa sochii ‘Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti” jedhu eegalchiisuu isanii ragaan Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistraakshiniirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.