Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Arsii barattoota ogummaa garagaraan barsiisaa ture  kuma 2 fi 755 eebbisiise

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014 ( FBC)- Yuunvarsiitiin Arsii barattoota ogummaa garagaraan barsiisaa ture kuma 2 fi 755 eebbisiiseera.

Guyyaa har’a yuunvarsiitiin Arsiii koolleejjii saayinsiiwwan hawaasaanii fi humanitii kaampaasii Boqojjiitti barattoota ogummaa garagaraan barsiisaa ture 831 eebbisiiseeraa.

Yuunvarsiitiichi barattoota muummeewwan barnootaa 8  saayinsiiwwan hawaasaa fi humanitii akkasumas, afaanii fi ogbarruu jalatti sagantaa idilee, gannaa fi itti fufiinsaan sagantaa digirii jalqabaa fi digirii 2ffaan barataa turaniidha kan eebbisiise.

Yuunvarsitii Arsiitti diiniin koolleejjii saayinsiiwwan hawaasaa fi humanitii kaampaasii Boqojjii Dooktar Waaqoo Gadaa, sirnicha irratti dubbii dubbataniin eebbifamtoonni barnoonnii fi ogummaan argattan kan madaalamuun hawaasa tajaajila kennitaniif waan ta’eef ogummaa barataniin carraa argatanitti fayyadamanii hawaasa isaan barsiseef tajaajila quubsaa kennuu akka qaban dhaaman.

Qormaata hawaasa addunyaa  kan ta’e weerara vaayrasii koroonaaf osoo harka hin kenniin milkaa’uu isaanii yaadachiisuun gara fuula duraatti qormaanni jireenyaa guddaa isaan eeggatu ogummaa fi dandeetti gonfataniin naamusa hojii gaariin mo’achuu akka qaban kan dhaaman ammoo preezdaatii yuunvarsitii Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaati.

Yuunvarsiitichi guyyaa boruus kaampaasii Asallaatti barattoota kuma 1 fi 924 akka eebbisiisu hubachuun danda’ameera.

Muhaammad Guddataatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.