Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Baahir Daar barattoota muummee garaagaraatin barsiisaa ture eebbisiisaa jira

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014( FBC)- Yuunvarsiitiin  Baahir Daar barattoota  Muummee garaagaraatin barsiisaa ture eebbisiisaa jiraachuu ibsameera.

Yuunvarsiitichi barattoota muummee barnootaa garaagaraatin barsiisaa ture kuma 5 fi dhibba 5 fi 86 eebbisiisaa jiraachuu ibsameera.

Eebbifamtoota keessaa kumni 1 fi dhibbi 7 fi 14 dubbartoota ta’uu himameera.

Sirna eebbaa kanaan falmaa mirga namoomaa Obaang Mootoo fi damee barnootaa fi saayinsiin bu’aa gaarii kan galmeessan Proofesar Atushii Suunikaawaaf Dooktarri kabajaa ni kennama jedhameera.

Yuunvarsiitiin Baahir Daar Muummeewwan barnootaa 15 jalatti barattoota kuma 40tti dhiyaatan kan barsisiisu ta’uu sirna eebbaa kanaan ibsameera.

Sirna eebbaa kanarratti Itti aanaa Preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa Dooktar Faantaa Maandafroo, Sadarkaa Preezdaantii Itti aanaatti qindeessaa kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa, Ministirri ministeeraa Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinar Silashii Baqqalaa dabalatee Ambaasaaddaroonni Paakistaan, Uraagaayii fi bakka bu’aan mootummaa Neezerlaand argamuu EBC’n gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.