Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantii Mana Maree Nageenyaatin ibsi ba’ee ejjennoo Ityoophiyaa kan deeggaruu ta’u ibsame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Preezdaantii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin ibsi ba’ee ejjennoo Ityoophiyaa kan deeggaruu ta’u Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Koomishinii Mirgaa Namoomaa Ityoophiyaa fi dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waajjirri mirgoota namoomaa dhiibbaa mirga namoomaa jiru jedhamaan irratti gabaasa qinda’aa baatii Onkololeessaa akka ifoomsuu Dubbi Himaan Ministeera Dhimmaa Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Ambaasaaddar Diinaan ibsa torbee kan laataan yoo ta’u, torbeechatti dhimmoota raawwatamaan ilaalchisee ibsa laataniiru.

Tuuniziyaan dhimma Hidha haaromsaa guddichaa gara mana maree nageenyaatti geessituus manni marichaa dhimmicha dhimma misoomaa qofaa ta’uu hubachiisuu isaa amabsaaddarrichi himaniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Rippaablika Diimookiraatawaa Koongoo Kiristoofee Lutuunduulaa waliin mari’ataniiiru.

Marii isaaniin haala marii sadeenii hidhi haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa itti fufuu danda’urratti mari’ataniiru.

Itti aanaa Muummeen Ministiraa Koongoo Ityoophiyaan fayyadamuummaa waloof ejjennoo isheen qabdu dinqisifataniiru.

Rakkoo Afrikaaf furmaanni Afrikaanoota jedhuus biyyisaanii cimsitee kan deeggartu ta’uu kaasaniiru.

Dabataniis Ityoophiyaa fi Keeniyaa giddutti sararrii daddabarsaa humnaa diriirfamaa jiraachuu himaniiru.

Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa Ityoophiyaa fi Jibuutii humna walitti hidhuuf haaloota dandeessisaan irratti mari’taniiru.

Komishiniin Mirga namooma Ityoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin qorannoo mirgi namoomaa taasisaan xumuramuu ibsun, baatii Onkololeessa 22, 2014 irratti akka ifoomuu himaniiru.

Jilli komishinii mirga namoomaa Ityoophiyaa jila waajjira mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin marii taasiseera jedhan.

Wandasaan Araggaahaanyitu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.