Hojiilee deeggarsa namoomaa naannoo Amaaraa fi Afaaritti taasiifamaa jiru ilaalchisee gamaaggamni taasiifame
Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Hojiilee dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannoo Amaaraa fi Afaaritti taasiifamaa jiruu fi dhimmoota xiyyeeffannoo addaa barbaadanirratti hojjetamaa jiran ilaalchisee gamaaggamni taasiifameera.
Bahaar Daarii fi Samaratti giddugalli qindeessaa yeroo ariifachiisaa hundaa’uun ogeeyyiin kilaasteeroota 10 irraa walitti babba’an ramadamuun iddichatti ergamuu ibsameera.
Walloo Kaabaa fi Waag Himraatti torbee darbee eegalee raabsi deeggarsa namoomaa yeroo dhiyaachuu eegaluu ibsameera.
Lammiilee buufata keessa qubatanii jiraan deeggaruu cinaatti kanneen mana isaaniitti kufanii argamaniif deeggarsa qaqqabsiisuuf hojiin eegalame cimee itti fufuu qaba jedhameera.
Garee socho’aa ogeeyyii yaalaa 20 kana dura bobba’a dabalataan ogeeyyii yaalaa biroo bobbasuuf naannolee waliin hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Gama biroon Naannoo Afaar, Kaabaa Walloo fi Kibba Tigraayitti weerarri hoomaa Awwannisaa muul’ate osoo hin iddoo birootti hin babal’atiin ittisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qophiin barbaachisu xumuramuu ibsameera.
Deeggarsa namoomaa yeroo taasiifamaa jiru cinaatti bu’uuraalee misoomaa miidhaman deebisanii ijaaruuf gareen ogeeyyii dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaa keessaa walitti babba’an qorannoo gaggeessuu eegaluu ragaan Ministeera Nageenyarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.