Naannoo Harariitti dhaabbilee fi namoota dhuunfaa ABUT fi Shaneef deeggarsa taasiisa turanirratti qorannoo gaggeessuun eegalame jedhame
Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) – Dhaabbilee fi namoota dhuunfaa ABUT fi Shaneef deeggarsa taasiisa turanirratti qorannoo gaggeessuu eegaluu Abbaan Alangaa Waliigalaa Naannoo Hararii beeksiise.
Tajaajila Odeeffannoo fi tika nageenya Biyyaalessaa, Raayyaa Ittisaa Ajeja Bahaa, Poolisi Federaalaa, Poolisii naannichaa fi qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Abbaan Alangaa Waliigalaa naannichaa obbo Ayyuub Ahimad ibsaniiru.
Namoota dhuunfaa garee shororkeessaa ABUT fi Shanee maallaqaa fi meeshaaleen deeggaruun shakkamanii to’annoo jala oolan hedduu keessaa muraasni gadhiifamuu fi kanneen ragaan irratti argame ammoo qorannoon itti fufuu kaasaniiru.
Dhaabbileen 7 saamsamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu fi konkolaattoonni 11 akka hojii dhaabaan taasiifamuu eeraniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT fi Shaneen yakka akka hin hojjenne ittisuuf gumaachi Raayyaan Ittisaa taasiisaa jiru iddoo olaanaa qabaachuu obbo Ayyuub ibsaniiru.
Deeggarsi qaamoleen nageenyaa biroo godhanis bu’aa argameef gumaacha olaanaa taasiisuu himaniiru.
Yeroo itti aanus dhaabbilee fi qaamolee dhuunfaa garee shororkeessaa kanneeniif deeggarsa taasiisaa jiran hordofuun hojiin seeratti dhiyeessuu cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.