Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Arsadee Fulbaana 22 fi 23 kan kabajamu ta’uu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo beeksiise

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) – Irreechi Hora Finfinnee Fulbaana 22, kan Hora Arsadee Fulbaana 23, 2014 kan kabajamu ta’uu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo beeksiise.
Akkaataa kabaja Ayyaana irreecha bara 2014 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kan kennee Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo Irreechi Hora Finfinnee Fulbaana 22 bara 2014 akkasumas Irreechi Hora Arsadii Fulbaana 23 bara 2014 kan kabajamu ta’uu ibsaniiru.
Irreechi Irree Oromoota maraatii kan jedhan Dura taa’aan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Jiloo Maandhoo Ayyaanni Irreechaa bara kanaa karaa dudhaa fi aadaa Oromoo eegeen akkuma kana duraatti kan kabajamu ta’uu himaniiru.
Oromoonnii biyya keessaa fi alaa Ayyaanicharratti hirmaataniis miidhagina sirnichaaf uffannaa fi faaya aadaan miidhaganii akka argaman gaafataniiru.
Duudhaalee aadaa eeggachuun ayyannicha madda hawwata Turizmii akka ta’uuf callaqqeewwan aadaa keenya sirnaan agarsiifachuu, nageenya eeggachuu fi of eeggannoo Covid 19 taasiisuun ta’uu qaba kan jadhan ammoo Barreessaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo fi Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Holaati.
Milka’ina Ayyaanichaaf qaamoolee dhimmi ilaalatu waliin ta’uun hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Guyyaa Ayyaanichaa qamooleen hirmaachuu danda’an of eeggannoowwan gama fayyaatiin barbaachisuu taasiisun hirmaachuu akka qabus dhaamaniiru.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.