Waajjirri Giiftii Duree fi dhaabileen Federaalaa daa’imman 320 kunuunsuuf waadaa galan
Finfinnee, Fulbaana 1, 2014 (FBC) – Waajjirri Giiftii Duree fi dhaabileen Federaalaa 21 bara haaraa kanaa eegalanii daa’imman 320 kunuunsanii guddisuuf waadaa galaniiru.
Daa’imman kunneen hanga dhaabbilee barnootaa olaanoo ga’anitti deeggarsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu ibsameera.
Gochaan tola ooltummaa kun ministirootarra darbee hanga nama dhuunfaatti babal’aachuu akka qabu Giiftiin Duree Zinnaash Taayyaachoo ibsaniiru.
Kan qaban walii qooduun waloon jiraachuun namaa fi Waaqa birattis kan galateeffamu ta’uu kaasaniiru.
Masaraa Mootummaa biyyaaleessatti daa’immanii fi maatii isaaniif affeerraan dhiyanaa taasiifameera.
Maddi:- DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.