Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee taasiisan ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 1, 2014 (FBC) – Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee taasiisan barri haaraan 2014 Ityoophiyaaf bara nagaa fi tasgabbii akka ta’u hawwii gaarii hawwaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddaar Turkii  Yaapraak Aliip, Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Beeljiyeem Firaansiwaa Duumoonit, kan Hindii Ambaasaaddar Roobarti Sheenkiintoong, kan Paakistaan, Ambaasaaddar Shoozaabii fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Isiraa’eel Allelinyi  Admaasuu ergaa hawwii gaarii bara haaraa 2014 dabarsaniiru.

Bara haaraa kanatti Ityoophiyaa waliin hariiroo qaban caalmaatti kan cimsan ta’uu ibsaniiru.

Bara haaraa 2014tti dameewwan garaagaraan deeggarsa Ityoophiyaaf taasiisan cimsanii kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Barri haaraan kun bara milkii, badhaadhinaa, nageenyaa, gammachuu fi fayyaa ummataa Ityoophiyaa maraaf akka ta’u hawwaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.