Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Lixaatti Humna Addaa Oromiyaa, Poolisii Federaalaa, poolisii idilee fi milishoota  dirqamarra jiran waliin sirni maaddii qoddachuu gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 1, 2014 (FBC) – Hoggansi Godina Shawaa Lixaa ayyaana bara haaraa 2014 sababeeffachuun Humna Addaa Oromiyaa, Poolisii Federaalaa, poolisii idilee fi milishoota  godinichatti dirqamarra jiran waliin sirni maaddii qoddachuu gaggeessaniiru.

Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Lixaa obbo Diriirsaa Waaqumaa, ayyaana bara Haaraa isin waliin dabarsuuf kan nu kakaase aarsaa lubbuu kaffaltanii Oromoo mataa ol qabachiisuu keessanifi jedhan.

Bara 2014ttis nageenyaa uummataa caalmaatti mirkaneessuuf qindoominaan hojjachuuf qophii ta’uus dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.