Fana: At a Speed of Life!

Qormaatilee bara 2013 keessaa fi Alaa mudatan hoggansa bilchina qabuu fi tokkummaa ummataan ce’uu dandeenyerra – MMBBU

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ergaa baga geessanii bara haaraa 2014 ummata Ityoophiyaa maraaf dabarseera.

Manni Marichaa ergaa dabarseen qormaatilee bara 2013 keessaa fi Alaa mudatan hoggansa bilchina qabuu fi tokkummaa ummataan ce’uu dandeenyerra jedheera.

Guutinsa Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuun, dhiibbaa keessaa fi alaa birmadummaa biyyaa fi tokkummaa Ummatarraati aggaamame dandamachuun bara haaraa 2014 ce’uu dandeenyerra jechuun eereera.

Miseensonni Raayyaa Ittisaa, Humni Addaa naannolee, milishaa fi ummanni biyyattii hundi tattaaffii fi qabsoo hunda galeessa taasiisaniin bu’aan argamuu himeera.

Guutuun ummaata biyyatti jaalalaa fi miira tokkummaa biyyaalessan hirmaannaa birmadummaa kabachiisuuf agarsiisan bara haaraa kanattis cimsanii akka itti fufan manni marichaa waamicha dhiyeesseera.

Barri haaraan 2014 bara jaalalaa, abdii, tokkummaa, fayyaa, badhaadhinaa fi gammachuu akka ta’u ummata Ityoophiyaa maraaf hawweera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.