Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti Dhadhaan, Dammii fi Barbareen wantoota alagaa waliin walitti makamuun gabaaf dhiyaatan to’ataman

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti Dhadhaan, Dammii fi Barbareen wantoota farra fayya ta’an waliin walitti makamuun gabaaf dhiyaachuuf turan to’atamuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa beeksiise.

Abbaan Taayitichaa Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa waliin ta’uun oppireeshinii gaggeessaniin oomishaalee shakkaman to’ataniiru.

Oomishaaleen kunneen to’atamuun samuudan isaanii qoratamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ibsa ergeen himeera.

Dhimmoonni seeraan ilaallaman akkuma jirutti ta’ee, yeroof oomishaaleen kunneen tajaajila kamiifiyyuu akka hin oolle saamsamuu eereera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.