Fana: At a Speed of Life!

Dureewwan Amantaalee garaagaraa ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Dureewwan Amantaalee garaagaraa ergaa baga geessanii Ayyaana bara haaraa 2014 dabarsaniiru.
Paatiriyaarikiin mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Abunee Maatiyaas,Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Ityoophiyaa Mustii Hajii Umar Idiriis,Phaaphaasiin Mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaatoolikii Kaardiinaan Birihaanayesuus fi Preezdaantiin Mana Amantaa Kiristiyaanaa Hordoftoota Wangeeliyaanii Ityoophiyaa Lubni Tsaadiquu Abdoo erga baga geessanii bara haaraa 2014 dabarsaniiru.
Barri haaraan bara Abdii, Muul’ataa, nageenyaa, jaalalaa, Araaraa fi gammachuu akka ta’u dureewwan kunneen hawwaniiru.
Barri haaraan hojiin malee ofiif haaraa ta’uu waan hin dandeenyeef hojiilee haaraa uumuun barri haaraan hundaaf haaraa akka ta’u cimnee hojjechuu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru.
Beekkumsi hundi ummataa fi guddina biyyaaf yoo hin taane dooffummaarraa addaa waan hin taaneef, hoggantoonni, beektoonnii fi dargaggoonni guddina biyyaa fi ummataaf waloon akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.
Barri haaraan bara jaalallii fi araarri itti lallabamu, kan rakkate itti gargaarramu, jaalalli biyyaa itti ibsamu ta’uu akka qabu hawwaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.