Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti namoota harka qalleeyyii kuma 1 oliif deeggarsi taasiifame

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti Ayyaana bara haaraa sababeeffachun namoota harka qalleeyyii kuma 1 oliif deeggarsi taasifamuu ibsameera.
Deegaarsicha bulchiinsa magaalaa Jimmaatu Etyoo teeleekoomii fi fayyaa intagireetiid waliin ta’uun taasise jedhame.
Harka qaleeyyii 850f Xaafii, Ruuzii fi misingaan Kiiloogiraamni 65 tokkoon tokkoo isaanii laatamuu himameera.
Akkasumas barattoota 800f dabtarri kennameera jedhame.
Kaantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Tijaanii Naasir hojii tola ooltummaan manneen harka qalleeyyii 150 haaromsamuu dubbataniiru.
Deeggarsi kun gara fulduraatti cimee kan itti fufu ta’uu obbo Tijaan himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.