Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirramaa as qormaatilee akka biyyatti nu qunname deeggarsa ummataan dabarreerra – Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Jijjiirramaa as qormaatilee akka biyyatti nu qunname deeggarsa ummataa adda hin cinneen dabarreerra jedhe Paartiin Badhaadhinaa ergaa baga geessanii dabarseen.

Barri 2013 bara qormaataa kan ture ta’uu ibseera.

Deeggarsa walirra hin cinne ummanni taasiiseen qormaata akka biyyaatti muudate hunda darbuun bara haaraatti ce’uu dandeenya jedha ergichi.

Haala obsa nama fixachiisu, kan darbuun hin danda’amne fakkaatu, qormaata birmadummaa biyyaa fi ummataarratti dhufe injifannoon ce’uu dandeenyarra jechuun ibseera ergaa isaan.

Eebowwan Ityoophiyaarratti darbataman fashaleessuun, waraana tokkummaa isheerratti banaman hurgufuun har’a geenyarra jechuun ibseera.

Gareen Shororkeessaa ABUT fi fakkaattoonni isaa Ityoophiyaaf sodaa nageenyaa akka hin taane lammiilee wareegama kaffalaa jiraniif kabajni kan malu ta’uu ibseera.

Qormaatileen kanneen ce’uun kan danda’amu gamtaan ta’uu himeera.

Barri haaraan bara gaarii akka ta’u hawwii qabu ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.