Waltajjiin marii walitti dhufeenya hawaasa Oromoofi Amaaraa cimsu magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)-Waltajjiin marii walitti dhufeenya hawaasa Oromoo fi Amaaraa cimsu magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajii marii kanarraatti haawasni naannoo Oromiya afi Amaaraa aanaalee wal daangeessan irraa walitti dhufan hirmaachaa jiru.
Naannoo Amaaraarraa aanaa Minjaar Shankooraa fi naannoo Oromiyaarraa jiraattonni aanaalee Boosatiif Fantaaleerraa walitti dhufan hirmaachaa jiru.
Kaayyoo guddaan waltajji kanaa waldhabdee daangaa aanaalee kanneenirratti darbee darbee uumamu furuuf akka ta’e himameera.
Marii kanarrattii hooggantoonni olaanoon federaalaa fi naannolee argamaniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.