Yuunvarsiitiin Finfinnee Birrii miIliyoona 60 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiise
Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Finfinnee Birrii miliyoona 60 Raayyaa Ittisaaf deeggarsaan laateera.
Deeggarsi taasiifame biyyi nagaa ta’uun adeemsi baruu fi barsiisuu akka itti fufuuf yaaddamee ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Proofeesar Xaasoow Waldahaannaan ibsaniiru.
Proofeesar Xaasoow Waldahaannaan deeggarsichi Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktatr Qana’aa Yaadataaf laataniiru.
Deeggarsi Yuunvarsiitichi taasiise guddaa ta’uurra darbee kaayyicha deeggaruuun isaa jajjabeessaa ta’uu Dooktar Qana’aan ibsaniiru.
Dhaabbileen barnootaa olaanoon hanga ammaatti waliigala Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 40 deeggarsa taasiisuu Dooktar Qana’aan eeruun, deeggarsi Yuunvarsiitiin Finfinnee taasiise deeggarsa hunda caalu ta’uu dubbataniiru.
Yuunvarsiitiin Finfinnee deeggarsa maallaqaa taasiiseen ala ogeeyyii yaalaa gara adda waraanaatti erguun gumaacha olaanaa taasiisuu ibsameera.
Maddi:-TOI
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.