Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa harka qalleeyyii 16f mana jireenyaa haaroomsaa fi ijaaraa jira

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Jimmaa kenna tajaajila tola ooltummaan harka qalleeyyii 16f mana jireenyaa haaroomsaa fi ijaaraa jiraachuu ibsameera.
 
Yuunivarsiitiichi har’a moofaa jiraatoota harka qalleeyyiif ijaaruu fi haaroomsuu har’a magaalaa Jimmaa ganda Bosaa addiis keessatti eegaleera.
 
Magaalaa Jimmatti manneen jireenyaa 10 fi godina Jimmaa aanaa Qarsaa magaalaa Sarbootti ammoo manneen jireenyaa 6 harka qalleeyyiif ijaaraa fi haaroomsaa jiraachuu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaan dubbataniiru.
 
Ganna kana keessatti duula ashaaraa magariisaan biqiltuu bunaa fi kanneen biroo kuma dhibba tokkotti siquu hawaasa yuuninvarsiitiichan dhaabamuus himaniiru.
 
Raayyaa Ittisa Biyyaaf marsaa lamaan deeggarsa Birrii miiliyoona 23 taasiisuu Dooktar Jamaal eeraniiru.
 
Tamasgeen Allebbaachootu gabaase.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.