Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaa aanaa Kokkossaatti daldaltoonni seeraan alaa daballii gatii taasisaan hidhaa fi maallaqaan adabaman

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Godina Arsii lixaa aanaa Kokkossaatti daldaltoonni seeraa alaa daballii gatii taasisaan hidhaa fi maallaqaan adabamaniiru.

Daldaltoonni gatii koreen tasgabbii gabaa murteesse bira darbuun seeraan ala badhaadhina hin malle argachuuf yaadanii gatii dabaluun irratti adabbiin hidhaa fi maallaqaa darbuu ibsameera.

Eeruu uummata irraa dhiyaate bu’uura godhachuun Waajjirri Poolisii fi Manni Hojii Abbaa Alangaa aanichaa waliin ta’uun galmee erga qorataniin booda Abbaan Alangaa himata baneen manni murtii bitaaf mirga falmisiisuun himatamtoonni gocha raawwatan kana dhaddachatti dhiyaatanii guutumaan guututti amananii jiru.

Manni murtii dhaddacha Qaammee 2, 2013 ooleen himatamtootaaf nama biras ni barsiisa adabbii jedhe hidhaa salphaa baatii sadii fi adabbii maallaqaa qarshii 5000 mataa mataa isaaniitiin adabeera.
Biqilaa Tufaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.