Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Meettaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 10 darbe

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Godina Harargee bahaa aanaa Meettaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 10 darbuu poolisiin beeksiseera.

Itti gaafatamaan kominikeeshinii diviizhinii poolisii godinicha Inspeektar Olaanaa Tolasaa Gooshuu Faanaa Broodkaasting Koorpooreettitti akka himaniitti, balicha konkolachisaan konkolaataa Ayisuuziin fe’umsaa aanaa Gooroo Muuxiirraa namootaa fi dinnichaa walirratti fe’uun gara aanaa Meettaa magaalaa Calanqootti osoo imalaa jiru galagaluun qaqqabsiiseera.

Balichaan lubbuun namoota 10 battalumaa yoo darbuu, namoota 7 irraa ammoo miidhaa cimaan qaqqabuu ibsameera.

Namoota balaan irraa gahee walla’nsaaf gara Dirree Dawaatti ergamuu ibsameera.
Konkolaachiisaan balicha qaqqabsiisee yeroof naannichaa miliquu kan ibsamee yoo ta’uu, poolisiin hordoffii taasisaa jiraachuu Inispeektar olaanaa Tolasaa Gooshuu ibsaniiru.

Tashoomaa Haaylutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.