Bulchiinsa Magaalaa shaashamanneetti tatamsa’ina vaayrasii koroonaa hir’isuuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Hagayya 30, 2013 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa shaashamanneetti tatamsa’ina vaayrasii koroonaa hir’isuuf qooda fudhattoota waliin hojjatama jiraachuu Waajjirri Eegumsa Fayyaa magaalichaa beeksiseera.
Magaalichatti qorannoo samudaa namoota kuma 6 fi 568 irraa fudhatameen namoota kuma 1 fi 350 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ittii Gaafatamaan Waajjirichaa obbo Tashoomaa Mohaammad himaniiru.
Namoota vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni 30 lubbuun darbuu ibsaniiru.
Gidduu Galli Qorannoo Covid-19 Damee Naannoo Kibbaa Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Shaashamannee samudaa fudhachuun bu’aa isaa yeroo gabaabaa keessatti beeksiisaa jiraachuu obbo Tashoomaan himaniiru.
Marsaa jalqabaan namoota kuma 5 fi 808’f talaalliin Covid-19 Aztiraa Zeenekaa jedhamu laatamuu eeraniiru.
Marsaa lammafaan ammoo namoota kuma 2 fi 702’f laatameera jedhan
Yeroo ammaa namoota caalmaatti vaayrasichaaf saaxilamuu danda’an kuma 4 fi 865 talaalliin marsaa duraa laachuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Tashoomaan himaniiru.
Dhaabbileen fayyaa dhuunfaa tajaajila yaala Covid-19 akka kennaniif qindoominaan hojjatamaa jiraachuus eeraniiru.
Lammaa Tasfaayeetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.