Fana: At a Speed of Life!

Odeeffannoowwan sobaa baayy’achaa dhufuun hawaasa burjaajiif saaxilaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Odeeffannoowwan sobaa baayy’achaa dhufuun hawaasa burjaajiif saaxilaa jiraachuu ibsameera.
 
Inistitiiyuutiin Miidiyaa MERSA Akkaadaamiin Docheeveelee waliin ta’uun mata duree Haqa qulqulleessuu jedhurratti gaazexeessitootaa fi miidiyaalee sab-qunnamtiif leenjii kennaa jira.
Haala Siyaasaa biyyatti keessa jiruun wal qabatee odeeffannoowwaan sobaa baayy’achaa jiran lammiilee burjaajiif saaxilamaa jiraachuu Daayreektarri Inistiityuutii Miidiyaa MERSA obbo Henook Simaa Igzaabeer jedhan.
 
Odeeffannoowwaan sobaa ba’aniif qaamni dhugaa qulqulleessuu baayy’achuu dhabuun dhimicha hammeesseera jedhan.
 
Miidiyaaleen idilee haqa qulqulleessuuf ga’ee isaanii ba’achuu dhabuun ,qaamni mootummaa deebii kennuu dhabuu fi hubannoon hawaasni haqa qulquulleessuu irratti qabuu gadii aanaa ta’uun odeeffannoon sobaa akka baayy’atu taasisuu himaniiru.
 
Haalli kun hawaasa keessatti dhiibbaa sodaa uumuurraa darbee burjaajiif akka saaxilamu taasiseera jedhan.
 
Odeeffannoowwaan sobaa nageenya kan booreessan,uummataa fi mootummaa gidduutti wal amataan akka hin jiraanne taasisa waan ta’eef hunduu ga’ee isaa akka ba’atu dhaamaniiru.
 
Hawaasnis odeeffannoo sobaa adda baafachuun miidhaa ittiin dhufuu danda’u irraa of eeguu qabu jedhameera.
 
Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.