Shaneen diina ummata Oromoo maqaa Oromoon daldalu garee badiiti- Abbaa Gadaa Hundee
Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Gareen Shororkeessaa Shanee kaleessa maqaa Oromoon daldalaa ture garee shororkeessaa ABUT gaa’ela kan raawwate diina Ummata Oromoo ta’uu Abbaan Gadaa Hundee Bayyanaa ibsan.
Dargaggoonni Oromoo Raayyaa Ittisaa cinaa ta’uun birmadummaa Ityoophiyaf dhaabbachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT kabaja Ayyaanaa Irreecharratti lammiileen fixe yaadannoo yeroo dhiyoo hin dagatamne ta’uu ibsaniiru.
Garichi lammiileen mirga isaaniif wayita addabaabayitti ba’an afaan qawween deebii laachuu ture kan dagatamuu miti jedhan.
Sirni wayyaanee ummata Oromoof diina qofa osoo hin taanee garee badii dhaloota hin tallee ta’uu kaasaniiru.
Kaleessa ummata Oromoo hirirsaa turee har’a ammoo garee shororkeessaa maqaa Oromoon daldalu waliin hariiroo uumuun diina ummataa ta’uu isaanii mirkaneesseera jedhan.
Shaneen garee kana waliin hariiroo uumuun badii ummata Oromoof hin tolleedha jedhan.
Maddi:-TOI
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.