Qonna magaalaan bu’aa jajjabeessaan argamaa jira – Aadde Adaanach Abeebee
Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Misooma Damee Qonna Magaalaan oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojiileen jajjabeessaa ta’an hedduun hojjetamuu Itti Aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee ibsaniiru.
Muuxxannoon qonna magaalaa cimsuu fi oomishaa fi oomishtummaa damichaarraa argamu dabaluuf hojiilee jajjabeessaa ta’an hedduu hojjetameen bu’aa gaariin argamuu eegaluu Aadde Adaanach Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Horsiisa Lukkuu, bu’aalee aannanii, Kuduraa fi muduraa fi midhaan callaa oomishuu eegalame yeroo itti aanu caalmaatti cimsuun ba’aa gaarii argachuun kan danda’amu ta’uu agarsiiftuun jiraachuu dubbataniiru.
Midhaan nyaataan of danda’uun kabaja keenya eeggachuuf qonni magaalaa karaa tokko ta’uu eeraniiru.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.