Karoorri barnootaa haaraan bara barnootaa dhufu hojiirra oole
Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC) – Ministeerri Barnootaa sanada Karoora barnootaa haaraa bara barnootaa 2014 hojiirra oole ifoomse.
Sirni barnootaa waliigalaa yeroo 6ffaaf qophaa’e bara dhufuu eegalee waggoota shaniif hojiirra oola jedhame.
Sirni barnoota waggoota 26n darbaniif hojiirra oolaa ture qulqullina barnootaa fi ijaarsa namuusarratti hanqina qabaachuu himameera.
Sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 12ffaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf fooyya’iinsi damee hedduun taasiifamuu ibsameera.
Sirnichi dhimmoota beekkumsa biyya keessaa, barnoota ogummaa, teeknooloojii, oomishaa, qorannoo fi qo’annoo fi kanneen biroorraatti kan xiyyeefate ta’uu eerameera.
Ministeerri barnootaa manneen hojii 6, biiroolee naannolee fi qooda fudhattoota waliin tumsaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.