Fana: At a Speed of Life!

Oomishni Ashaboo waggoottaan 5 dhufaniif ga’u jiraachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC) – Kuufamni Oomisha Ashaboo Ummata Ityoophiyaa waggoottaan 5 dhufaniif ga’u Afdheeraa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiise.
Daballiin gatii tibbana taasiifamee ture sababa diinagdee tokkooyyuu kan hin qabne ta;uu ministeerichi ibseera.
Afdheeraatti waldaalee Ashaboo Konkolaatarratti fe’anii fi oomishtoota gidduutti waldhabdeen muraasni turuu himameera.
Kana hordofee Ashaboon baatii tokkoof osoo hin fe’amanii hafuu isaan gabaarratti daballiin gabaa olaanaa ta’ee muul’achuu ministeerichi eereera.
Yeroo ammaa Waldhabdeen uumame furamuu isaan oomishni ga’aan gabaaf dhiyaachaa jiraachuu dubbatameera.
Afdheeraa kuufamni Ashaboo kuntaalli miiliyoonni 30 ol jiraachuus ibseera.
Biyyattii baatii tokkotti Ashaboo kuntaala kuma dhibba 5 qofa kan ishee barbaachisu ta’uu isaan kuufamni jiru waggoottan shanan dhufaniif ga’aa ta’uu eerameera.
Yeroo ammaa oomishtoonni Ashaboo seera qabeeyyiin 6 jirachuu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.